ODUU ARAA GODAANTONNI 79 BIDIRUU QAQARA GALAANAA GIRIK IRRAA LIQIMFAMAN
Godaantonni 79 bidiruu qarqara galaanaa Giriik irraa liqimfamte keessatti du'aniiru Balaa hamaa godaantota mudate keessaa tokko Kibxata darbe qarqara galaanaa Giriik irratti kan mudate yoo ta’u, bidiruun godaantota fe’ee ture qarqara kibba biyyattii irratti liqimfamuu isaati. Namoonni kunneen bidiruu guddaa qarqara Liibiyaa irraa kaatee gara Xaaliyaanii, achitti deebi’anii qubsiifamu jedhanii abdatanitti imalaa turan. Mootummaan Giriik balaa kanaan namoonni 79 du’uu isaanii kan mirkaneesse yoo ta’u, namoonni 104 ammoo gareewwan baraarsaatiin baraaramuu isaanii beeksiseera. Namoonni baraaraman Masrii, Sooriyaa, Paakistaan, Afgaanistaan fi Falasxiin irraa kan dhufanidha. Itti aanaan kantiibaa magaalaa Kalamata bakka godaantonni baraaraman kun itti geeffaman Loannis Zafiropoulos akka jedhanitti bidiruun kun namoota 500 ol fe’attee akka turte odeeffannoo qabna. Qondaaltonni Eegdota Galaanaa Giriik akka jedhanitti namoonni achi buuteen isaanii dhabaman du’uun isaanii ni mala. Du...