Godina Shawaa Lixaatti caccabuu daandii Abunaa Gindabaratiin hawaasni rakkoof saaxilamuu jiraattonni dubbatan.
Godina Shawaa Lixaatti caccabuu daandii Abunaa Gindabaratiin hawaasni rakkoof saaxilamuu jiraattonni dubbatan.
Waggoota hedduuf Daandii manca’een rakkoo guddaaf kan dubbatan hawaasni, keessumaa waqtii roobaa kana haala ulfaataa keessummeessaa jiraachuu himu.
Taajaajilli geejibaas rakkoo biraa ta’uu kan himan namoonni,
konkolaataan deddeebisa Uummataa toora sanarra dhabamuufi konkolaachistoonni immoo rakkoo daandiin wal qabateen karaa kana akka deemne himu.
Sababa kanarraa ka’uun, gabaa keessatti gatiin meeshaale qaala’uu himu.
Hawaasichi oomishalee isaa kanneen akka Midhaan Dheedhii, Dammaafi Dhadhaa gabaa gidduugaleessaa dhaqqabsiisachuu dhabuun, gatiin oomisha isaanii jalaakufuus ni dubbatu.
Jiraattoonni akka jedhanitti, bu’uuraalee misoomaa biroo ijaaruufillee daandiin sun danqaa akka itti ta’e dubbatu.
“Keessumaa Waqtii Gannaa kana, Maatiin fira isaa irraa citee kan inni jiraatu. Fageenya irraa rakkoowwan firaaf birmachuu, gaddaa fi gammachuu walii hirmaachuun waqtii
kana nutti ulfaate” jedhu namoonni yaada kennan.
Kontiraaktarri daandicha hojjechuuf fudhate, akkuma jalqabeen gidduutti dhaabuu isaa himan maddeen.
Sababa kanaaf daandiin dur tureyyuu, qoqqotamuu irraa kan ka’e kan durii caalaa babbadee jiraachuu himan.
Yeroo hedduuf Jaarsoliin biyyaa kan Aanaa Gindabaratiifi
Abuunaa Gindabarat mootummaa Federaalaa fi Oromiyaa deemuun gaafachaa akka turaniifi garuu haga ammaa rakkoon furame kan hin jirre ta’uu dubbatu.
Abbaa Taayitaa daandiiwwan Oromiyaaf gaaffin dhiyaatus, “dhihootti ni furra, itti deemaa jirra” yaada jedhu isaaniif deebisuu himan.