Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa rakkoo nageenyaa uumuuf humnoonni qophaa’an jiraachuu bira ga’uu beeksise
Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa rakkoo nageenyaa uumuuf humnoonni qophaa’an jiraachuu bira ga’uu beeksise Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti rakkoo nageenyaa uumuuf humnoonni qophaa’aan jiraachuu bira ga’uu beeksiseera. Humni Waloo ibsa baaseen, yeroo garaagaraatti nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuuf oppireeshinii qindaa’aa gaggeessaa turuu yaadachiiseera. Haaluma kanaan Magaalaattiitti rakkoolee nageenyaa uumuuf humnoonni qophaa’aan akka jiran bira ga’uu himeera. Kana hordofees walitti fufiinsaan Magaalaa Finfinneetti oppireeshinii qindaa’aan waan gaggeeffamuuf hawaasni kana hubachuun tumsa akka taasisu, naannawaa isaattis bifa haaraa wayita argu eeruu akka kennuu fi naannawaa isaa akka eegu humnichi waloo hubachiiseera. Wantoota shakkisiisoon wayita mudatuttis sararoota bilbila bilisaa 987, 991 fi 816 akkasumas karaa bilbiloota +251 111 11 01 11, +251 115 52 63 03, +251 115 52 40 77, +...