ODUU ARAA GODAANTONNI 79 BIDIRUU QAQARA GALAANAA GIRIK IRRAA LIQIMFAMAN
Balaa hamaa godaantota mudate keessaa tokko Kibxata darbe qarqara galaanaa Giriik irratti kan mudate yoo ta’u, bidiruun godaantota fe’ee ture qarqara kibba biyyattii irratti liqimfamuu isaati.
Namoonni kunneen bidiruu guddaa qarqara Liibiyaa irraa kaatee gara Xaaliyaanii, achitti deebi’anii qubsiifamu jedhanii abdatanitti imalaa turan.
Mootummaan Giriik balaa kanaan namoonni 79 du’uu isaanii kan mirkaneesse yoo ta’u, namoonni 104 ammoo gareewwan baraarsaatiin baraaramuu isaanii beeksiseera. Namoonni baraaraman Masrii, Sooriyaa, Paakistaan, Afgaanistaan fi Falasxiin irraa kan dhufanidha.
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Kalamata bakka godaantonni baraaraman kun itti geeffaman Loannis Zafiropoulos akka jedhanitti bidiruun kun namoota 500 ol fe’attee akka turte odeeffannoo qabna.
Qondaaltonni Eegdota Galaanaa Giriik akka jedhanitti namoonni achi buuteen isaanii dhabaman du’uun isaanii ni mala.
Dubbi himaan Eegdota Galaanaa Giriik Nikos Alexiou jedhamu kun balaa guddaa Galaana Meditiraaniyaanii keessatti mudatedha jedhan.
Mul'anni bidiruun qurxummii qabuu osoo hin liqimfamiin fudhatame namoonni baay'een kutaa bidiruu kanaa hunda uwwisaa akka jiran agarsiisa.
Namoota dhokatanii jiran baraaruuf hojii baraarsaa kana irratti hanga dooniiwwan Eegdota Galaanaa Giriik, helikooptaroonni humna qilleensaa biyyattii fi dooniiwwan biyya alaa biroo hirmaachaa jiru.
Mootummaan Giriik guyyaa sadiif gadda labsee, alaabaan biyyattii gadi bu'a.
Giriik daandii gurguddoo godaantonni Baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa Kibbaa fi Afrikaa irraa gara Awurooppaa Dhihaa ga’uuf itti fayyadaman keessaa tokko ta’uun ibsamti.

